Biyya tokkotti jiruuf jireenya lammiilee guddisuuf yuunivarsiitiin ga’ee guddaa qabdi. . Akkaatuma kanaan yuunivarsiitiin Odaa Bultum gita banaa qaburratti hojii tajaajila kaaffeetiif namoota ulaagaa guutan dorgomanii darbaniif,ramaddii kennee hojiitti bobbaasuuf leenjii hojiin duraa guyyaa lamaaf kennee jira. Qabiyyeen leenjii kunis naamusa hojiitiifi duudhaa mana hojiirratti kan xiyyeeffatu ture. Leenjiin kun yuunivarsiitii Odaa Bultumitti qindoomina kutaa Humna Namaatiifi Farra Malammaltummaatiin kan kennameedha.
Kaayyoon leenjichaas haala mana hojjii keesssa jiruufi naamusa mana hojichaa, hojjetaafi adeemsaan walbarsiisuuf hojimaata manni hojii qaburratti kaka’umsaafi naamusa akka argatan akka ta’e ibsi bal’aan kennameera . Bu’uuruma kanaan leenjitoonni kunneenis leenjicharraa hubannoo gahaa ni argatu jedhamee kan abdatameedha.

Yuunivarsiitiin Odaa Bultum Hojjettoota Bulchiinsaa Haaraa Qacaramaniif Leenjii kenneef
Posted on by obu
0