Qophiin leenjii kunis gaafa guyyaa Mudde 9 fi 10/2014tti galma walgahii Yuunivarsiitii Odaa Bultum keessatti yaada ka’umsa “:leenjiin koorsii madaqinsaa barsiisoota haarawa bu’uura baruu-barsiisuu itti fuufinsa qabuuti’’ jedhuun gaggeefamera.
Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti gaheen barsiisootaa maal akka ta’e ,waa’ee kaayyoo ,karoora ,ergama ,mul’ataafi dhuudhaalee Yuunivarsiitichaa akkasumaas carraawwan sadarkaa guddina fuula duraatti Yuunivarsiitichaan kennamaniifi dhimmi naamusa ogummaa eeguun mata-dureewwan muraasa leenjichaa ta’uun isaanii ibsamera.
Kaayyoo guddaan leenjii kanaa barsiisonni odeeffannoo waliigala Yuunivarsiitichaa akka argatan isaan dandeessisuuf yommuu ta’uu, simannaa baga nagaan dhuftanii kan dabalate ta’uun isaas himameera.
Gama biraatiin qophicha barsiisonni miira kaka’umsa hojii,ofitti amanuufi kabajamummaa akkasumaas ittiquufinsa hojii akka horatan isaan dandeessisuun galmaan gahinsa kaayyoo Yuunivarsiitichaaf shoora olaanaa taphachuu akka danda’u ibsameera.
Dabalataan leenjichi naannoo mijataa baruu-barsiisuu uumuu keessatti shoorri isaa olaanaa ta’uun isaa ibsameera.
Kan qopheessee: Daareektooreetii Qunnamtii Ummataafi Alaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum
Mudde, 12/2014