Yunivarsiitiin Odaa Bultum ogeeyyii waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa
bulchiinsa magaalaa Ciroo irraa walitti babba’aniif leenjii hubannoo uumuu
dhimma karoora daldalaa qopheessuu, qabiinsa maallaqaa, odiitiifi falaasama
Kaayizan irratti Sadaasa 30/2014 hanga Mudde 01/2014 tti kenne. Sirna baniinsa
sagantichaa irratti haasawa kan taasisan qindeessaan tajaajila hawaasaa
Yunivarsiitii Odaa Bultum b/saa Addunyaa Dinquu leenjichi kan kenname qaawwa
gama qophii karoora daldalaa, qabiinsa maallaqaafi odiitiin jiru guutuu taasisuufi
akkaataa hojjattoonni waajjira carraa hojii uumuufi ogummaa irraa walitti
babba’an kun gareewwan IMX magaalaa Ciroo keessatti gurmaa’anii hojiirra
jiraniifi gara fuulduraattis gurmaa’uu malan deeggaruun danda’amurratti
xiyyeeffatee kan kennameedha. Namoonni waldaalee IMX dhaan gurmaa’an
hubannoo gahaa waa’ee daldalaa irratti akka argatan kaayyeffatee kan kennameefi
namootni gurmaa’an guddina biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan taasisuu
keessattis qooda olaanaa kan qabuudha. Dhumarrattis leenjifamtoonni leenjii
kanarraa hubannoo gahaa argachuu himanii, gara fuulduraattis tattaaffiin
yunivarsiitiin Odaa Bultum taasisaa jiru kun rakkoo hawaas-diinadgee hawaasaa
naannoo furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eerudhaan, isaanis hubannoo asii
argatan kanaan galanii hojii bu’a qabeessa ta’e akka hojjatan waadaa galaniiru.
Kan qindeesse: Daarektoreetii Qunnamtii Ummataa Yunivarsiitii Odaa Bultum
Muddee 2,2014