Yunivarsiitiin Odaa Bultum Mana Barumsa Sad. 2ffaa Bultii Addaa Ifa Booruuf Deeggarsa Laate
. Deeggarsi kunis,koompiitaroota minjaalaa(desk-top computer)modeela “Lenovo”lakkoofsaan30 ta’anii fi gatiin isaanii qar.kuma dhibbaa torba (700,000) olitti shallagamu ta’uun isaa ibsameera.
Sirni walharkaa fuudhiinsa gumaacha kanaa kan taasifameSadaasa 16, 2014 godina Harargee Bahaa Aanaa Haraamaayaatti yammuu ta’u bakka bu’oonni hooggansa Yunivarsiitii Odaa Bultumii fi waajjira Barnoota Godina Harargee Bahaa irraa dhufan bakka argamanitti ta’uun isaa ibsameera.
Koompitaroonni gumaachamanis rakkoo hanqina galtee barnootaa furuu cinaatti barattoonni gama barnoota tajaajila qunnamtii fi odeeffannoo teeknooloojiitiin dandeettiisaanii akka cimsatan isaan gargaaruu keessatti shoora ol’aanaa taphachuu danda’uun isaas ibsameera.
Hundeeffamni mana barumsaa kunis akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaatiif ijoollee isaanii barsiisuun deeggaruu cinaatti,barattoota akka biyyaattis ta’ee akka addunyaatti dorgoomaa ta’an oomishuun egeree biyyattii milkeessuu keessatti gaheen isaan taphatan olaanaa dha,jedhameera.
Galmaan gahiinsi hojii kanaas qaamolee dhimmi isaan ilaallatu sadarkaa sadarkaan jiraniin cimee kan itti fufu ta’uun isaa ibsameera.
Qopheessaan:-Daarektoreetii Qunnamtii Hawaasaa Yunivarsiitii Odaa Bultum!
Sadaasa, 17/2014

Yunivarsiitiin Odaa Bultum Mana Barumsa Sad. 2ffaa Bultii Addaa Ifa Booruuf Deeggarsa Laate
Posted on by obu
0