Yunivarsiitiin Odaa Bultum gargaarsa miidhaan nyaataa kuntaala200 ummata godina Booranaatti balaa hoongeen miidhamaniif arjoome
Yunivarsiitiin Odaa Bultum erga hundeeffame irraa eegalee ,hojii baruu-barsiisuu cinaatti ,ammaan dura rakkoolee sadarkaa sadarkaan lammii keenya qoraa turan irratti aadaa wal-gargaaruu cimsachaa,yeroo rakkoos hawaasaa cinaa dhaabbachuun hojjachaa tureera.
Akkuma beekkamutti yeroo ammaa,godina Booranaatti sababa hanqina roobaatiin balaan hoongee uumamuu isaatiin, rakkoon nyaataa beelladaa fi ilma namaa bal’inaan mudachuu irraa kan ka’e hooriin dhumaa jiraachuu fi ummanniis beela’uun rakkoo hammaataa keessa jiraachuun isaanii uwwisa miidiiyaalee garagaraa ta’uun isaa ni beekkama.Kana bu’ureeffatees dhaabbiilee barnoota olaanoo dabalatee ,dhaabbileen garagaraa fi ummanni bal’aan tumsa waliigalaa taasiisaa jira .
Yunivarsiitiin Odaa Bultumis ,akka dhaabbata barnoota olaanoo tokkootti akkaataa aadaa rakkoo hawaasaa bira dhaabbachuu isaatiin midhaan nyaataa kuntaala 200 gatiin isaa miliyoona walakkaa olitti tilmaamamu qaamaan hawaasa Booranaa biratti argamuun hoggantoota godinichaa dhimmi ilaallatu harkatti kennuun gargaarsi kun hawaasa bira akka gahu taasiiseera.
Kan qopheesse: Daareektooreetii Qunnamti Ummata Yunivarsiitii Odaa Bultum .
Sadaasa 9/2014.