

Yunivarsiitiin Odaa Bultum barsiisota waggaa tokkkoof leenjisaa ture baay’inni isaanii
97 kan ta’an guyyaa har’aa kan eebbisiise yoo ta’u, 54 sagantaa dippiloomaa olaanaafi 43
sagantaa fooyya’iinsa afaan Ingiliziitiin eebbisiise. Yunivarsiitichi leenjiin hojiirra
gahumsa barsiisotaa yeroodhaa gara yeroottii dabaluu akka danda’u cimsee kan hubatu
yoo ta’u, qulqullina barnootaa eegsisuuf leenjii akkanaa kennuun murteessaa akka ta’e
amana. Kana bu’uura godhachuun sagantaa mala baruu barsiisuu bu’uureffate HDP fi
sagantaa dandeettii afaan Ingilizii gabbiifachuu bu’uureffate ELIP barsiisotaaf yeroo
yeroodhaan kennaa kan ture yoo ta’u, inni har’aa kunis walduraa duubaan marsaa 3ffaa fi
2ffaaf kan eebbisiise ta’uu isaati.
Pireezidaantii itti aanaa dhimma barnootaa yunivarsiitii Odaa Bultum kan ta’an Dr.
Amiin Mohaammad, yunivarsiitiin Odaa Bultum dhaloota 4ffaa ta’ee, qulqullina
barnootaa keessatti gahee isaa bahuuf leenjii akkanaa keessa darbuun bu’aa guddaa akka
qabu eeraniiru. Dr. Amiin itti dabaluudhaan leenjii akkanaa gahumsa barsiisotaa
dabaluudhaan qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf,
gara fuul-duraattis itti fufiinsaan akka kennamu hubachiisaniiru. Dhumarrattis
leenjifamtootaaf waraqaan ragaa kennamuudhaan sagantichi goolabameera.
Kan qindeesse: Daarektoreetii Qunnamtii Ummataa Yunivarsiitii Odaa Bultum