yunivarsiitichi barattoota rakkoo nageenyaatiin garanatti ramadaman simachuun isaa ni yaadatama. Yunivarsiitichi barattoota simannaan godhameef kana akkaataa dambii ittiin bulmaata mooraa fi naamusaa irratti hubannoo kennanii jiru. Barattoota ofitti simatee barsiisuuf jiru kanaaf karaa hoggantootaa fi caasaalee hoggansaa sadarkaa sadarkaan jiran irraa walitti baba’aniin marii bal’aan hubannoo dhimma dambii fi naamusa barattootaa irratti ibsa bal`aa kennaniifi jiru.
Qophii kana bu’uura godhachuun mariin gabaabaan taasifameera. Marii kana irrattis ibsi ittiin bulmaata Yuunivarsiitichaa dabalatee qajeelfamoota naamusa barattootaa, kenniinsa tajaajila maraa Yunivarsiitichaa, dhimma amala gaarii, ispoortii fi pirootookoolii Koovidii -19 eeguu irratti akkasumaas barnoonnii fi nageenyi haariiroo fuula-faallaa saantima tokkoo qabaachuu isaanii ibsuufi barattoonni waardiyyaa nageenyaa ta’uu akka qaban ibsu laatameefii jira.
Kan qopheesse: Daareektooreetii Qunnamtii Uummataafi Ala Yunivarsiitii Odaa Bultum
Muddee 7/2014