Yunivarsiitiin Odaa Bultum Akka Godina Harargee Lixaatti Qonnaan Bultoota Horii Gabbisuu Irratti Moodeela Ta’aniif Leenjii Gabaabaa Hubannoo Isaanii Cimsu Kenne.
Leenjiin kunis kolleejjii qonnaa Yunivarsiitii Odaa Bultumiin kan qophaa’e yammuu ta’u,qonnaan bultoota muuxannoo horii gabbisuun gabaaf dhiheessuun galii olaanaa argachuun moodeela ta’an lakkoofsi isaanii 15 ta’eefi ogeessonni misooma qonnaa 2 Aanaa Ciroo irraa babahan irratti hirmaataniiru.
Leenjichi horii gabbisuun muuxannoo gaarii yeroo dheeraa qaban qonnaan bultoota Harargee Lixaatiif karaa saayinsawaatiinis fayyadamuun jiruufi jireenya isaanii akka ittiin jijjiirratan isaan dandeessisuu keessatti carraa guddaa ta’uun isaas ibsameera.
Qabiyyeen leenjichaas haala nyaata horii madaalawaa karaa saayinsawaan qopheessuu,itti fayyadamuu, filachuu, oomishuu ,kunuunsuufi itti fufsiisuun danda’amu irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaa beekamera.
Kana dhugoomsuufis biqiltuu nyaata horiif oolu gosa 26 irratti qorannoo gaggeessuun gosawwan biqiltuu kana leenjii gochaaf oolchee leenjitoonni daawwannaa dirree taasisuun hubannoo gaarii irraa horachuu danda’aniiru.
Leenjitoonnis gama isaaniitiin leenjiin akkanaa kun muuxannoo isaanii cimsuu keessatti shoora olaanaa taphachuu kan danda’u ta’uusaa ibsanii hubannoo leenjicharraa horatanis hawaasa bal’aaf kan dabarsan ta’uusaanii ibsaniiru.
Kolleejjichis bakka qaawwaan mul’atetti qorannoon addaan baasuun leenjiilee akkkanaa kana itti fufinsaan kennuun itti fayyadama hawaasaa oomishaafi oomishtummaa horii qulqulluu godinichaafi biyyatti mirkaneessuurratti kan hojjatu ta’uusaa ibseera.
Kan Qopheesse : Daareektooreetii Qunnamtii Uummataafi Alaa Yunivarsiitii Odaa Bultum
Sadaasa 22/2014