Manni barnootaa addaa sadarkaa 2ffaa yunivarsiitiin Odaa Bultum barattoota haaraa bara barnootaa 2014tti kutaa 9ffaa barsiisuuf dorgomsiisee marsaa lammaffaaf simateera. Manni barootaa addaa kun bara barnootaa 2013tti barattoota 22 simatee barsiisaa kan ture yoo ta’u, bara barootaa 2014tti immoo barattoota 27 dorgomsiisee simachuu danda’eera. Walumaagalatti yeroo ammaa kana barattoota 49 kan qabu yoo ta’u, kutaa 9ffaa barattoota 27fi 10ffaa barattoota 22 barsiisaa jiraachuullee daarektarri mana barnootichaa obbo Darajjee Takaabaa dubbataiiru. Obbo Darajjeen itti dabaluunis barattootni kun kan simataman akkaataa kallattii ministeerri barnootaa biyyattii kaa’eefi qajeelcha BBO bu’ureeffachuun barattoonni qormaata xumuraa kutaa 8ffaa qabxii olaanaa galmeessanifi qormaata seensaa BBO ‘n qophaa’e warren dabran ta’uu isaaniis ibsaniiru.
Barattoota kana barnoota daree keessatti baratan maddiitti, dandeettii gama teeknoloojiifi kalaqaatiin qaban akka cimsatan yaada keessa galfamee barachaa kan jiran ta’uufi kana dhugoomsuuf barsiisota digirii 2ffaa qabaniin barsiisaa jiraachuu daarektarichi himaniiru.
Dhumarrattis yunivarsiitiin Odaa Bultum gama isaatiin hawaasa naannoo tajaajiluu keessatti qooda isaa ba’aa kan jiru ta’uufi milkaa’ina gama kanaan yaadame galmaan ga’uuf cimanii hojjachuu akka qaban barattoonnifi barsiisonni mana barnootichaa himaniiru.
Kan Qopheesse:- Daareektoreetii Qunnamtii Alaafi Ummataa Yunivarsiitii Odaa Bultum
Muddee 11/2014