Daarektoreetiin naamusaafi farra malaanmaltummaa Yunivarsiitii Odaa Bultum barattoota miseensa gumii naamusaafi farra malaanmaltummaa ta’aniif leenjii gabaabaa kenne. Daarektoreetichi barattootaf hubannoo kennuun gumii naamusaafi farra malaanmaltummaa kan hundeesse yoo ta’u, dhimmoota qajeelfamaafi hojiirra oolmaa farra malaanmaltummaa irratti leenjii gabaabaa hubannoo uumuu kenneera. Kaayyoon leenjichaas barattoota naamusa gaariifi gahumsa biyyattiin barbaaddu qaban horachuu kan bu’uureffate yoo ta’e, hubannoo leenjichaa argataniin biyya isaanii akka gargaaranis daarektarri daarektoreetii naamusaafi farra malaanmaltummaa Yunivarsiitii Odaa Bultum Obbo Yusuuf Obsee dhaamaniiru.